Kitaaba asoosamaa HADHOFTUU kan Caalaa Haa hiluu tiin bareeffame magaalaa Stockholm/Sweden itti gaafa Guraandhala 28, 2015 sirna owwadhaan eebbisifame. Sagantaa kana irratti haala guddina Afaan fi Og-barruu oromoo ilaalchisee seeminarri beektota addaa addaatin kennamee jira. Akkasumas barreesitootni fi gaazexeessitootni biyya Sweden kan akka Martin Schibbye akka kessuummaatti qophii kana irratti argamanii jiru. Qophiin akkana kun guddina Afaan, Og-barruu fi Aadaa oromoo akkasumaas Oromummaan akka dagaagu gochuuf gummaacha guddaa kan qabu ture. Gurmuu Hawaasa Oromoo Sweden namoota qophii kana irratti argaman hundaa galata galcha.