Mootummaa TPLF/Itoophiyaa Mormuudhan Hiriira Nagayaa Magaala Stockholm Sweden Kessatti Gaggeeffame, 22-01-2016

12510342_10102089144429613_1992972575339992594_nDhuma jia’a Sadaasaa irraa eegalee Oromiyaa keessatti hiriira nagayaa ummanni oromoo adeemsisa jiru deeggaruudhan gaafa Amajji 22-01-2016 magaala Stockolm keessatti hiriira guddaa gaggeefame. Hiriira kana irratti hawaasnii oromoo Sweden keessa jiran baaynaan irratti hirmaatani deeggarsa ummatta oromoo Oromiyaa keessatti mirgaa oromoo kabachiisuf gochaa jiran waan danda’an hundaan kan deeggaran ta’u hubachiisani jiran. Hiriira kan irratti hawaasni ummata Itoophiyaa Sweden jiran fi dhaaboleen siyaasaa adda adda haala adda ta’een baaynaan hirmaachudhaan deegarsaa isaani muldhisanii jiru.   Hiriiri kana irratti miseensi Parlamaa Sweden, obbo Anders Österberg argamuudhan haasawa gochudhaan ummaan oromoo tis ta’e ummanni Itoophiyaa hundi gaffii mirgaa gaafachuun isaani sirrii ta’u isaa ragaa bahudhaan deegarsa kan godhan ta’u dubbatanii jiru.

Hiriira kana booda hawaasni oromoo Sweden mara walitti dhufan kun haalaa yeroo ammaa ummanni oromoo itti jiru irratti marii guddaa gaggeessudhan hawaasa oromoo Sweden jiraan sirritti wal ijaarudhaan ummaata Oromiyaa keessattii wareegama guddaa kafalaa jiru karaa danda’ame maraan deeggaruuf waadaa waliif galanii jiru.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s