Nagaan Waaqayyoo isiniif haa ta’u.Attam jirtu ?
Nanamana inni isin amanattan Waaqayyoo iddoo jirtanitti karaa hundumaa nagaatti akka inni isin eegu.
Waldaan Afaan Oromoo magalaa Stockholm keessatti mana nama dhuunfaatti eegaluun isaa wagaa lama yoo lakka’e illee iddoo itti wal-geenyee Waaqayyoon waliin Waaqeffannu magaalaa Stockholm keessaa argachuun keenya reefuu ji’a sadii guuta. Amma kunoo ja’a sadaffaa keenyatti Waaqayyo nu gargaaree Waldaan Warra Wangeelaa Oromoo Stockholm Ebla 30 hanga Caamsaa 1,2016 tti Sagantaa dadammaaqiinsa hafuuraa isa jalqabaa geggeessuuf karoorsitee jirti. Sagantaa kana irratti H/w Gammachiis Karrassaa Waldaa Oromoo Frankfurt ,Jarmanii irraa faarfataa Ashannaafii Daggafaa Waldaa Oromoo Oslo, Norway irraa hafeerree jirra.Sagantaa kana irratti yeroon Waaqeffannaa , yeroo dubbii Waaqayyoo waliin barachuu akkasumas rakkoo dhuunfaa fi kan sabaa irratti yeroo itti waliin Waaqayyoon kadhannu ni qabaanna. Sagantaa kana irratti hirmaachuun keessaniin Waaqayyo biraa eebba guddaa akka inni isinii roobsu hubannee nuyi warra waldaa kana geggeessaa jirruu fi saba Oromoo biyyaa Sweedenii keessa jiraatuuf immoo hiika guddaa akka inni qabu dabalee isin yaadachiisun fedha.
Kanaafuu, sagantaa keessan mijeeffattanii iddoo Waaqayyoo karaa tokko ykn karaa lama isinitti dubbatu kana irratti akka argamtaniif jaalala Gooftaan bakka geggeessitoota waldaa kanaa bu’ee hunduma keessan nan hafeera.
Eebbifamaa,
Luba Dureessaa Maabashaa
Luba Waldaa Warra Wangeelaa Oromoo Stockholm