
#OromoProtest deeggaruudhan gaafa 11-03-2016 magaala Stockolm keessatti hiriira guddaa gaggeefame. Hiriira kana irratti hawaasnii oromoo Sweden keessa jiran baaynaan irratti hirmaatani deeggarsa ummatta oromoo Oromiyaa keessatti falmachaa jiran maddi kan dhaabbatan ta’u agarsiisan.
Hiriira kana irratti Mootummaan Sweden gargaarsa mootummaa Itiyoophiyaa tiif gochaa jiruu akka dhaabu gaafatamee jira. Humna waraana TPLF Oromiyaa keessa akka bayu fii ummaanni Oromoo biyyaa isaa irratti akka ofiif of bulchuu cimsamee gaafatama oleera.